Sagantaa Muhaadaraa Shamarranii





Sagantaan Muhaadaraa barattoota shamarranii tiif Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumiin qophaa'e milkiin goolabame.

=====

OBUMSJ - Information and Communication Sector
December 22, 2024

Sagantaan muhaadaraa barattoota shamarranii tiif addatti Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumiin qophaa'e milkiin goolabame. Muhaadaraan mata dureen isaa "Amaanaa Rasuulaa (SAW)" jedhu, kan barattoota shamarraniitiif qophaa'e galma Paartii badhaadhinaa Cirootti geggeeffame.

Sagantaan kun haala hawwataa taheen da'awaa fi gorsa dabalatee qophiilee bashannansiisoo fi barsiisoo tahaniin kan guutame yoo tahu, dhaamsi jajjabaan namoota jajjaboodhaan barattoota keenya shamarraniitiif darbee jira.

Sagantaa kana irratti keessummoota jajjaboon kan affeeraman yemmuu tahu, keessummoonni affeeramaniis saganticha irratti argamuun dhaamsa barbaachisaa hunda obboleeyyan keenyaaf dhaamanii jiran.

Saganticha irratti barattoota shamarranii kanneen sagantaa fooyya'insaa (Remedial Program) tiin dhiheenya gama mooraa Yuunivarsiitii keenyaa dhufan dabalatee, barattoota waggaa 1ffaa, 2ffaa fi 4ffaa tis argamanii jiru.

Sagantaan kun akka milkaa’uuf qaamonni jalarraa hanga gubbaatti qooda fudhattan hundi keessanuu hedduu galatoomaa, jazaan keessan jannata haa tahu isiniin jenna.

Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultumitti Seektara Odeeffannoo fi Qunnamtii.

@OBU_MSJ
@OBU_MSJ
@OBU_MSJ
Next Post Previous Post
1 Comments
  • Anonymous
    Anonymous December 22, 2024 at 3:03 AM

    Maashaa Allaah waan gaariidha.

Add Comment
comment url