Faayidaa Toowbaa fi istighfaaraa




Toowbaa fi istighfaarri faaydaa baay’ee qaba. Wanti guddaan ilmi namaa jireenya keessatti barbaadu tasgabbii fi milkaa’ina. Ilmi namaa wanta tasgabbii fi milkaa’inna naaf fida jedhee yaadu hunda ni hojjata. Wanta isa dhiphisu irraa immoo ni dheessa. Tarii namni gammachuu yeroo gabaabaa argachuuf badiitti kufuu danda’u.


Ergasii sababa hojii isaatiin tasgabbii dhaba, halkan hirriba malee bula. Jireenyi isatti hadhoofti. Kanaafu, karaan adabbii kana keessaa bahuun tasgabbii fi milkaa’ina itti argatu toowbaa fi istighfaara. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

 وَتُوبُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ ٱلْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ
﴾ ٣١﴿

“Yaa mu’uumintoota! Akka milkooftaniif hundi keessanuu gara Rabbii toowbaa deebi'aa.”
Suuratu An-Nuur 24:31

Kana jechuun dhugaadhaan gara Rabbii deebi’uun araarama kadhachuun milkaa’ina keenyaaf sababa akka nuuf tahu nu agarsiisa. Ilmi namaa hanga fedhe hojii gaarii hojjatus, hanqinni isa keessatti ni mul’ata.

Ammas hanga fedhe hojii badaa irraa haa fagaatu, xiqqaatus guddattus badii ni hojjata. Kanaafu, hojii isaa qofaan milkaa’uu waan hin dandeenyef yeroo hundaa toowbaa fi istighfaara isa barbaachisa. Kanaaf badii keenya irraa amma amma toowbachuun furtuu milkaa’inaati waan taheef gama araarama rabbii deebi’nee milkii fi boqonnaa sammuu sanaan haa barbaaddannuu.

Next Post Previous Post
No Comment
Add Comment
comment url