Sagantaa Muuxannoo waliif qooduu
Tooftaalee baruu fi barsiisuu bu'a qabeessa fayyadamuun barattoonni akka yeroo muraasa keessatti Qur'aana barataniif haala mijeessuu!
ODA BULTUM UNIVERSITY
MUSLIM STUDENTS JEMA'A
December 08, 2024
Seektarri Qiraatii Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum barattoonni Qur'aana barsiisaa jiran akkaataa baruu fi barsiisuu isaanii irratti muuxannoo akka wal jijjiiraniif sagantaa muuxannoo qooduu qopheesse. Sagantaa kana irrattis barattoota waggaa tokkoffaa dabalatee barattoota waggaa 2ffaa fi 4ffaa irraahis Ustaazonni Qur'aana barsiisaa turan argamanii jiru. Kanumaan barattoonni waggaa 2ffaa fi 4ffaa muuxannoo fi muudannoo isaan kanaan dura qaban obboleeyyan isaanii warra haaraa waggaa 1ffaa tiif qoodanii jiran. Sagantaa kana adda durummaan geggeessaa kan turan obboleessa keenya Amiira Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum Bilisaa fi Amiira Seektara Qiraatii Izaddiin yeroo tahan, akka walii galaatti dhimmoota barbaachisan irratti barattoota Qur'aana barsiisaniif hubannoo uumanii dhaamsaas dhaamaniifii jiran.
Oda Bultum University Muslim Students Jama'a
Information and Communication Sector

Maashaa Allaah waan bareedaadha nu yaadachiiftanii galatoomaa
Islaamummaaf hojjachuun carraa carraa oliiti!