Guyyoota darban keessa hojiilee gurguddoo lama kanneen akka jama'aatti seektaroota Jama'aa keenyaatiin hojjataman

Guyyoota darban keessa hojiilee gurguddoo lama kanneen akka jama'aatti seektaroota Jama'aa keenyaatiin hojjataman:

1) Sagantaan muhaadaraa barattoota shamarranii qofaaf addatti seektara daعwaa tiin qophoofte alhada dabre (December 15, 2024) bifa bareedaa taheen geggeeffamee jira. Sagantaa kanas seektarri daعwaa, Seektarri ziyaaraa fi Seektarri odeeffannoo fi qunnamtii waliin tahuun kan qopheessan yommuu tahu, daعaa fi gorsi babbareedaan obboleeyyan keenya hirmaattota sagantichaatiif dhaamamee sagantichis milkiin xumuramee jira.

2) Sagantaan simannaa obboleeyyan keenya barattoota Remedial gaafa December 16 fi 17 haala addaa fi hawwataa taheen seektara hawaasummaa (social affair Sector) tiin geggeeffamee jira. Simannaa kana irrattis obboleeyyan keenya miseensonni seektara hawaasummaa hifanne ykn dadhabne osoo hin jedhin ganama irraa eegalanii aduu keessa dhaabbachaa; ofii gubachaa obboleeyyan keenya haaraa dhufan simachaa oolan.

Seektarri hawaasummaa gama isaatiin akkaataa sagantaa class miseensonni isaa qaban irratti hundaa'uun  sagantaa ofii isaa baasuun akka sa'aatii duraa fi booda illee barattoota simachuun danda’amutti haala mijjeessuun milkaa’ina sagantichaaf shoora ol'aanaa taphatee jira. Nutis jazaa keessan Rabbiin jannatul Firdoowsii isiniif haa taasisu isiniin jenna.

https://obu-msj.blogspot.com/2024/12/guyyoota-darban-keessa-hojiilee.html

@OBU_MSJ
OBUMSJ Information and Communication Sector

Next Post Previous Post
No Comment
Add Comment
comment url