Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum Yaa'ii shuuraa marsaa 2ffaa fi gamaggama hojii ji'a tokkoo fi walakkaa geggeesse

Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum Yaa'ii shuuraa marsaa 2ffaa fi gamaggama hojii ji'a tokkoo fi walakkaa geggeesse.

~~~
OBUMSJ
December 12, 2024




Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum Yaa'ii shuuraa marsaa 2ffaa fi gamaggama hojii ji'a tokkoo fi walakkaa geggeessee jira. Sagantaan kana irratti amiirota, itti aantota amiiraa fi barreessitoonni seektaroota kurnan Jama'aa kan argaman yeroo tahu, gabaasni raawwii hojii ji'a tokkoo fi walakkaatis dhiyaateera.

Yaa'ii kana adda durummaan geggeessaa kan turan obboleessa keenya Amiira Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsitii Odaa Bultum Ustaaz Bilisaa fi Itti aanaa Amiiraa Ustaaz Muniir yeroo tahu, seektaroonni hundi gama isaaniitiin gabaasa raawwii hojii isaanii dhiheessanii, hanqinaa fi ciminni jirus ilaalmeera.

Kanaanis seektaroonni hundi haala gaarii irra kan jiran yemmoo tahu, hanqinoota jiranis fooyyessuun yeroo itti aanutti milkaa’ina kana caalu akka galmeessaniif dhaamamee jira.

Dhuma irrattis muudamoota muraasa kennuun yaa'iichi  goolabamee jira.

Oda Bultum University Muslim Students Jema'a Information and Communication Sector

Telegram: https://t.me/OBU_MSJ
Website: https://obu-msj.blogspot.com
Next Post Previous Post
1 Comments
  • Anonymous
    Anonymous December 12, 2024 at 3:11 AM

    Maashaa Allaah waan bareedhaadhaa jabaadhaa

Add Comment
comment url