Sagantaan geggeessaa barattoota eebbifamoo (#Well go) milkaa’inaan xumurame.

 Sagantaan geggeessaa barattoota eebbifamoo (#Well go) milkaa’inaan xumurame.

~

OBUMSJ Information & Coordination Sector














Sagantaan geggeessaa barattoota eebbifamoo (#Well go) milkaa’inaan xumurame. Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum hooggantoota, hojjattootaa fi miseensota isaa kanneen waggoota afran ykn shanan darbaniif Jama'aa kana tajaajilaa turanii bara kana eebbifamanii bahuuf deemaniif May 03, 2017 sagantaa geggeessaa taasiseera. 

Sagantaa kana irrattis Sheekkota, du'aatotaa fi munshidoota garaa garaa kanneen akka #Sheikh Jamaal Haajii, Munshid Mikaa'il Husseen, Sheekh Umar Ismaa'il, Suheeybi Sheekh Amiin Ibroo, Ustaaz Kadiir Hamzaa, Sheekh Sulxaan Siraaj fi Ustaaz Abdulmannaan Mahmuud dabalatee namoonni jajjaboon hedduun argamuudhaan gorsaa fi dhaamsa jajjabaa barattoota keenyaaf dhaamanii jiran.


Dhuma irrattis barattoota jama'aa kana keessatti shoora ol’aanaa taphataniif badhaasnii fi beekamtiin kennamuudhaan sagantichi goolabamee jira.


✍️ Ararso M.

Previous Post
No Comment
Add Comment
comment url