Sagantaan Daعwaa guddaan geggeessaa barattoota GC Fayyaa tii fi simannaa barattoota Remedial Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumiin qophaa'e milkiin goolabame

 Sagantaan Daعwaa guddaan geggeessaa barattoota GC Fayyaa tii fi simannaa barattoota Remedial Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumiin qophaa'e milkiin goolabame.

=====

OBUMSJ - I&C Sector

January 05, 2025

Sagantaan kun haala hawwataa taheen daعwaa, gorsa, diraamaa, walaloo dabalatee qophiilee bashannansiisoo fi barsiisoo tahaniin kan guutame yoo tahu, dhaamsi jajjabaan namoota jajjaboodhaan barattoota keenyaaf darbeeti jira. 

Sagantaa kana irratti Sheekh Jamaal Siiraa, Itti gaafatamaa mana marii dhimma Islaamaa godina Harargee Lixaa Sheekh Mahaammad Abdurrahmaan, Itti gaafatamaa Liigii dargaggoota Mislimaa Itoophiyaa Ustaaz Heeydar Abdurrahmaan dabalatee keessummoonni hedduun argamaniiru.

Sagantaa kana wanti adda isa godhu masjiida Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum (Masjiidu Siddiiq) tti qophaa'uu isaatii fi obboleessi keenya hordofaan amantii biraa tokko shahaadaa qabachuun gama Islaamummaa dhufuu isaati.

Sagantaan kun akka milkaa’uuf qaamonni jalarraa hanga gubbaatti qooda fudhattan hundi keessanuu hedduu galatoomaa, jazaan keessan jannata haa tahu isiniin jenna.

Oda Bultum University Muslim Students Jama'a Information and Coordination Sector.

Join our telegram channel

https://t.me/OBU_MSJ

Next Post Previous Post
No Comment
Add Comment
comment url